Oromo

About OneAmerica

OneAmerica® Naannoo Washington keessat koolugaltoota fi baqqaatoota  gargaarun dhaaba  isa gudaadha. Hawaasa adda adduuma qaban kan akka Laatino, Afrikaa, fi eezyiyaa ni gurmmeessa, ni dhaabataaf. Duraan ka Kutaa Jibbiinsarraa Bilisaa (Hate Free Zone) jedhamu dhaabi OneAmerica®, kun Fulbaana 11, 2011 booda hatataman ka dhabateef, dhiibbaa,  yakoota jibbiinssaa, fi filmaataa shagni hawasa koolugaltootaa adii hintahin, keessatu Muslimoota, Araboota fi naamoota Africa Bahaa fi Eezyiya kiibba irraa dhufan irrat dhiibbaa godhamaa ture deebii kennuuf.

Hardha, OneAmerica®, mirggoota koolugaltoota, barumssa, haqa dinagdee fi egumssa naannootiin walqabate, mirga filannoo, fi koolugaltoota fi hawasa baldha walit dhihessu ilaalchisee dhaabota nannno fi biyyoolessa wajjiin walqabachuun gahee hurrisaa fi dursaa tabataa jira. Namoota adii hintahin fi gareen isaan deeggaraniin  sochi hunddee baldha qabu ijaaruun isaan hawaasa haaqaa, dimokraata’aaa  fi namaaf mararfatu ni uuma jenneeti amanna.

Ergaan Keenya

OneAmerica® deeggartoota  isaanii murteessoo ta’an wajjiin ta’uun, irree hawaasa koolugaltoota keessat ijaarun, qajeelfamtoota bu’uura dimookirasii fi haqaa sadarkaa gandaa, naannoo fi biyyoolessaatti funduratti deemsisa.

Mul’ata Keenya

OneAmerica® mul’atni isaa addunyaa nagaa qabu, kan mirgi nammummaa fi kabajni ilma namaa itti mirkkanaa’e, kaa hawaasotni adda addummaa isaa jaalatu, kan murtii gaarii, fi walqixxummaa jecha itti waliin dhaabatu, fi namni hundduu waan hunda gaari ta’eef gumaachu.

Of Kennummaan Keenya

Nu hawaasa nama simatu fi baratu, hawaasa gosa adda addaa, aadaa adda addaa kabaju, kan faallaa jibiinsa sanyii ta’uuf gad fageenyan of kenne, dhaaba namoota umriin isaanii adda adda ta’e hammatu, kan mirga namaa kabaju, kan ala fi ufi keessat, walqqixxummaa sanyii adda adda dagaagsu. Qabeenya keenya seeran itiin fayyadamuun, dalagaa keenya qorachuun, muuxxannoo keenya irraa barannee yeroo mara foyyeessuufis of kennoodha.

Jijjiirama Ilaalchisee Amantiin Keenya

Jijjiirama ilaalchisee amantiin nu qabnu ka jalaqabu, hawaasa gurmmeessu fi dandeetti hoogganuu koolugaltoota fi baqatoota adii hintahiinii dagaagsuu, bakka dhimma hawaasa fi siyaasaa  kan hoogantoota gad jirani baldhisu, kun poolisii, adeemsa, dhaboota fi sochiiwwan jireenya isaanii irratti dhiibbaa fidu tolchuu (wayyeessu). Hooggantoota fi miseensota hawaasaa xiyyeeffannaa keessa jiran waliin dalagna. Kana ka goonu mala hawasa hirmmchifnuun ka mataa keenyatiin fayyadamuun: Gurmeessu, dandeettii hooganuu guddisuu, lammii biyyaa godhuu, filattoota galmeessuu, filatoota barsisu fi akka filannoo irratti hirmaatan kakasuu, kaadhimamtoota angoo filannoon ykn mudamaan argamuuf qopheessuu, fi namooni adii hintahin akka bulchinssa hogganan godhuu.

Duula tooftaa sadarkaa gandaa, nannoo, fi  biyyoolessaa irratti akka hoogana ta’ani hirmmatan godhuun, dandeeti fi hogumman barbbachisa ta’e  akka dhufu ni deeggarra-  xinxala poolisii yeroodhan, walquunmtii tooftaa qabu, muuxannoo siyaasa fi seera tumuu- duulota tooftaa kanaaf. Tooftaan keenya kan itti xiyyefatu mala hoogantoota sadarkaa jalaa dudisuu karaa dhimmoota gar gar baasuu, xinxala qoranno fi poolisii, sirrichaan deeggaruuf dhiibbaa gochuu, xalayaa gaaffii ka adda addaa dhiheessu fi mala dhiibbaa gochuu walfakaatanii gareen gad jiran fayyadaman, tarkkanffii qajeello fudhachuun, filannoon ittigafatammumma fiduun .

Teesso kanan nu quunnama

Office Location & Mailing Address:

OneAmerica
1225 S. Weller Street, Suite 430
Seattle, WA 98144

Bilbbila: 206-723-2203
Faakssii: 206-826-0423
info@weareoneamerica.org

Saganttaan Washington New Americans shirkkumma bu’aa indhaabatin, ka Mootumma Nannoo Washington, fi OneAmerica jiddduut godhame,  namoota biyya keessa seeran dhaabataan jiraatan ka ulaga guutan , akka lammi Amerika ta’an garggarsa bilisaa kenna. Odeeffanno dabalataa argachuuf, www.wanewamericans.org doohadha ykn gara lakkoofsa 206-926-3924 ergaa gabaabaa barreeffamaa erga ykn bilbbila.